Qophii Kaa’immani Tan Magaalaa Torontoo
Qophiin Kaa’immani tan Magaalaa Torontoo keessatti Caamsaa 17-2009 qophooyte Injifannoon xumuramte. Qophii Hawaasni oromoo naanno torontoo jiraatu hedduun qooda irra fudhate tana haasawa gabaabaan kan bane J/ Yaddi dura taa’aa Kutaa Kanaadaa ti. Haasawa isaatiis Hawaasa Oromoo bakka sanitti argaman galateefachuu dhan kan jalqabe yoo ta’u itti aansee dargaggoota fii shamarran achitti argaman hundaan baga gammaddan, baga hundi keenya guyyaa gammachuu kana irrati nagayaan wal agarre jachuun gammachuu isaanitti dhagahame ibsan maayyii irrattiis fuul duraa fiis bifuma kanaan aadaa fii hooda isaani akka jabaatanii guddisan itti dhaammachuun haasawa isaanii xumuran.
Hawwasni naannawa sanitti argamees gammachuu qaban bifa addaatiin ibsanii jiru.eega haasawni xumuramee booda kaa’imman Ummata gammachiisuu jalqaban itti fufuu dhan sirna kana bareechaaniiti jiran .wallka qophii kana irrati badhaasni kaa’imaniif qophaawee kan J/Yaddii fii J/ Aashaa Qal’i tiin kenname Sirna kana daranuu akka bareedu godhe. walaloo Rashad ibrootin qophaawe kan Marsaa ABO irraa fuudhamee dubree Leensaa Abdulmana,dubree Leensaa Hussen fi dubree Araarsii Elias yeroo dubbisan hawaasin naannoo san ture ajaa’ibuu dhan caqasaa turan. Qophiin akkanaa kuniis yeroo duraatiif kan qophaawe waan ta’eef dargaggo fii shammarran achi turan qophiin fakkaataan akkanaa fuul duraaf akka itti fufu yaada dhiheessan manni guutuun gammachuun fudhateefi. qophii tana irrati Caayaleen dhaabaa laman magaalaa tana keessa jiran, Caayaan Biiftuu Ganamaa fii Caayaan Bakkalcha Oromia qooda fudhataniiti jiru, isaaniifiis hujii boonsaa naannawa kanatti hojjachaa jiraniif Badhaasni qophaawe kennameefi qophiin guyyaa kanaa bifa kanaan xumurame.
Torontoo. Caamsaa 17-2009